143: Maallaqa nama biraa qabu irraa zakaa ni baasaa?

Audio
Content
Gaafii: Kafiila kiyya biraa osoo mallaqa hin fudhatin kan waggaan irra naannawetu jira. Mallaqa kana irraa zakaa ni baasa moo akkam?     Deebisaa: Yaa gabricha Rabbi, Waan harkaa hin qabne ta tiyya jettee hin abdanne irraa wanni zakaa baastuuf hin jiru. Garuu yoo kafiilli kee sun na biraa qabdaa siif ka amanu tahe, akkasuma atis biraa qabaa kan mirkaneeffattu yoo tahee fi mallaqni sun waggaan irra naannawe, kafiila keetiin narraa baasi jechuun dirqama keeti. Atilleen mallaqa san isa biraa qabaachuu kan kee kan beektu yoo ta’ee fi guyyaa barbaadde kan fudhatuu dandeettu yoo ta’e, mallaqa san achumatti dhiistee  maallaqa si bira jiru irraa Zakaa baasuun sirratti dirqama taha. Dr. Liwaa'ulislaam   Fatwaa biyya alaa Mallaqni kafiila biras haa ta’u bakka wahiitti walitti qabame, mallaqa kuufamaa jiruudha. Kanaafuu mallaqa kana guyyaa tokko fudhachuun isaa hin oolamu. Namni mallaqa akkanaa Kafiila biraa ta’ee, baankii keessatti walitti qabate, nama biratti dhiisee, mallaqa san guyyaa tokko ni fudha jedhee kan amanu yoo ta’e, zakaa irraa baasuun dirqama.   Shiekh Salih Al Munajjid
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned