141: Azkaara Salaata waajibaa boodaa yeroo biroo yoo qara’e akkami?

Audio
Content
Gaaffii: Azkaara Salaata waajibaa shanan boodaa yeroo salaataa dhiisee, yeroo biraa yoo qara’e maal rakkoo qaba ?     Deebisaa: Yaa gabroottan Rabbii! Rabbiin-Subhaanahu Wata’aalaa- akkana jedha: “isaan warra dhaabbatanii, taa’anii, cinaacha isaanii irrattis (warra) Rabbiin faarsani, ‘yaa Gooftaa keenna kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraas nu baraarsi’ jedhaa uumama dachii fi samii keessatti xiinxalaniidha” Aali Imran:191   Akkuma aayata tanarraa hubannu zikrii bakka hin qabdu, manaa-masjiida hinqabdu, teessumaa-dhaabbata hin qabdu. Tanaaf salaata boodas yoo deemnus, yoo hojjannus, haala nuuf mijaahe hunda keessattuu zikrii godhuu ni dandeenna. Ayatal Khursii qara’uu, Suuratu (ikhlaas, falaq, al-naas) yeroo nuuf mijaahetti qara’uuni dandeenna.   Dr Liwaa’ul Islaam     Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa Zikriin salaata booda godhamtu –Astghifirullah, Subhanallaah walhamdu lillaah, wallaahu akhbar tan jettuu. Akkasumas-Ayaatal Khursii fi Mu’awwidateeyni qarauun ni danda’ama. Kanaan alaa salaata booda harka olfuudhanii gamtaanis tahee kophatti du’aa’ii godhuun sunnaa keessa hin jirtu.   Sheikh Saalah Al Munajjid
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned