140: Namni saayyidul istighfaar Qara’u isii qofaan Jannata ni seenaa?

Audio
Content
  Deebisaa: Nabiin Keenya-Salallaahu Aleeyhi Wasallam-Du’aa’ii adda addaa keessatti fadlii yookaan darajaa isiin qabdu ilaalchisuun suraa adda addaa nuuf himan. Du’aa’ii hoggaa ciisan jedhamtu, aayatul Khursii, Suubhaan-Istigfaar, waan hundinuu bikka qabdi. Hundinuu darajaa qabdi. Du’aa’ii istigfaara yookaan araarama ittiin kadhatan keessaa tan waan hunda if keessaa qabdu Sayyidul Istigfaar jedhamti.  
Allaahumma Anta Rabbii, La Ilaaha Illaa Anta Khalaqtanii, Wa Ana Abduka, Wa Ana Alaa Ahdika Wa-Wa’adika Mastaxa’atu A’uuzu Bika Min Sharri Maa Sana’ta, Abuu’u Laka Bini’matika Alayya, Wa-Abuu’u Bizanbii, Fagfirlii, Fa Innahuu Layugfiruzzunuuba Illaa Anta”
  tun du’aa’ii jabduudhaa sirritti qabadhaa yeroo hunda tikfadhaa. Osoo ibaada biroo hin qabaatin isiin tun qofti jannata nama hin galchitu.   Dr. Liwaa'ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned