140: Du'aa'iin sujuuda sahwii keessatti jedhan tami?
Audio
Content
Gaafii: Sujuuda Sahwii (Sujuuda irraanfii) keessatti du’aa’iin ykn zikriin jedhamtu maali? Deebisaa: Du’aa’ii fi Zikriin Sujuuda Sahwii keessaa kanuma yeroo salaataatiin wal fakkaataadha. ‘Subhaanrrabiyal a’laa, Subbuuhun qudduusun…, Subhaana zil mulki wal malakuuti…, zikrii wayta sujuuda salaata keessaa jedhamtu tan fedhan jechuun ni danda’ama. Dr Liwaa’ul Islaam Fatwaa biyya alaa Wanti addaa kan ergamaan Rabbii SAW sujuuda sahwii keessatti jedhanii jiran jedhamee sahiihaan gabaafame hin jiru. Sahaabotarraayis wanti addaa hin dhufne. Kanaafuu namuu sujuuda Sahwii keessatti waanuma sujuuda yeroo salaata keessaa jedhu jechuu mirga qaba. Sheikh Saalaah Al Munajjid
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned