140: Haadha Warraa Dhungachuun Wuduu’a Namarraa Diigaa?
Audio
Content
Deebisaa: Eega wuduu’a godhatanii booda haadha warraa dhungachuun gonkumaa wuduu’a namarraa hin balleessu. Nabiin keenya (Salallaahu Aleeyhi Wasallam) eega wuduu’a godhatanii salaataaf bahuuf qophaahanii booda, haadha warraa isaanii dhungatanii bahaa turan. Dr.Liwa’ul Islaam Deebisaa Ulamoota Biyya Alaa Aa’ishaan (Radiyallaahu Anha) akkana jette. “Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) haadha worraa isaanii keessaa takka dhungatanii Salaataaf deeman. irra deebiin wuduu’a hin goone” (Abu Daawud fi Tirmiizii) Hadiisa Kanarratti hundaahuun Ulamoonni yaada garagaraa kennan. Gariin ulamootaa dubartii tuquun wuduu’a ni balleessa jedhan. Gariin ammoo fedhii saalaa qabaatanii dubartii yoo tuqan wuduu’ni ni bada, yoo fedhii hin jirre hin badu jedhan. ammas gariin ulamootaa fedhii jiraatus jiraatuu baatus haadha worraa tuquun wuduu’a hin cabsu jedhan. Yaanni xumuraa kun ulamoota heddu biratti fudhatama kan argatee fi sirriidha. Kana jechuun Abbaan Manaa jaartii ofii qaqqabatee, dhungatee yoo bishaan irraa hin bahin wuduu’ni isaa hin badu. Fataawa al-Mar’ah, Ibn ‘Usaymiin, Fuula 20 Haatahuu garuu jaartii dhungachuu saniin yoo fedhiin itti dhufee bishaan qal’aan irraa bahe, wuduu’ni ni bada. Sheikh Saalah Al-Munajjid Guduunfaa Yaada ulamaa’iin adda addaa keessan cuunfinee yoo gabaabsinu, dhiirri tokko osoo wudu’a qabu yoo haadha warraa ofii dhungate, yeroo dhungate sanitti yoo fedhiin saalaa itti dhagahamee bishaan qal’aan fedhiin dhufu irraa bahe wuduu’ni ni bada. Bishaan san ofirraa dhiqee irra deebi’ee wuduu’a godhuu qaba. Yoo yeroo dhungatu sanitti fedhiin tokkollee itti dhagahamuu baate, wuduu’ni isaa hin badu.
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned