139: Zakaa obboleessarratti baasuun danda’amaa?

Audio
Content
Gaafii: An hojii qaba. Waan carraaqqadhu kana keessaa zakaa obboleessa kiyyaaf kennuu danda’aa?     Deebisaa: Zakaan arkaana islaamummaa keessaa isa tokko. Rabbilleen Suuraa Tawbaa keessatti namoota zakaan kennamuuf, namoota saddeet dubbateera.  Warra san keessa hin jirre, Haadhaa fi Abbaa keetii fi jaartii teetiif zakaa kennuu hin dandeettu. Namoota kanniiniin ala jiran, Akaakoo, Adeera, Adaadaa, Haboo, Obboleessaa fi Obboleettiidhaaf kennuun ni danda’ama.   Namoonni zakaa baaftanii fi madrasaadhaaf mindaa barsiisotaa gootan, ammas warri masjiida ittiin ijaartan waan kana keessatti Rabbi sodaatuu barbaachisa. Horiin zakaa bakka itti baafamu qaba. Madrasaanis hin ijaaramu, barsiisotaafis akka mindaatti hin kafalamu. Rabbiin namoota kanniiniif qooda godheefii jira. Mindaan isaaniitis mallaqa biraa irraa bahuu qaba. Akkuma san masjiidnilleen horii zakaatiin hin ijaaramu.   Dr Liwaa’ul Islaam =============   Fatwaa biyya alaa Zakaa nama firaa kan haqa godhatuu kennutu nama fira hin taaneef kennuurra caala. Sababni isaa zakaa firaaf kennuun waan lama of keessatti hammata. Zakaa kennuu fi rahima ykn fira maxxanfatuudha. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Sadaqaan hiyyeessaaf kennamtu sadaqaadha. Garuu sadaqaan firaaf kennamtu waa lama. Sadaqaa fi fira maxxanfatuudha. (Nasa’ii 2581, Tirmizii 658)   Haa ta’u malee firoonni kunniin namoota isaan irratti mallaqa baasuun dirqama sirratti ta’u taanaan zakaa isaanii kennuun dhoorkaa ta’a.   Sheikh Saalah Al Munajjid  
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned