139: Mallaqa osoo zakaan irraa hin bahin waggaan 2 itti naannahe akkam godhan?
Audio
Content
Deebisaa: Zakaan akka Arkaana Islaamummaa irraa tahe namuu ni beeka. Kanaafuu namni Muslimaa kan qabeenya zakaan irratti wajjaqu qabu hundi, waggaa waggaan zakaa ofirraa baasuu qaba. Atiis zakaa amata lamaa kan sirra jiru san akkasumatti ofirraa baasi. Fakkeenyaaf yoo mallaqni kee 50,000 tahe, kuma tokkorraa 25 baasta. 50,000 irraa 1250 baasta jechuudha. Haala Kanaan mallaqa 50,000 irraa zakaan waggaa lamaa qarshii 2500 taha jechuudha. Mallaqni kee kuma dhibba ykn miiliyoona tahus, haaluma asii olii Kanaan hisaaba gootee ofirraa baasuu qabda. Dr. Liwaa'ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned