137: Yoo rukuu’a irratti salaata dhaqqaban raka’aa san akkam godhan?

Audio
Content
Gaafii: Namni tokko Faatihaa osoo hin dhaqqabatin imaama rukuu’aaf jilba qabatee jirutti dhufee yoo hidhate salaatni isaa akkami?     Deebisaa: Salaata keessatti bakki Faatihaa osoo hin qara’in salaatni namaa sirrii itti tahu, yoo imaama rukuu’aaf jilba qabatetti hidhatte qofa. Imaamni osoo rukuu’aaf jilba hin qabatin yoo dhaqqabatan Faatihaa godhuun dirqama taha.   Dr. Liwaa’ulislaam   Salaata keessatti bakki Faatihaa osoo hin Qara’in salaatni namaa sirrii itti tahu haala lamatu jira. 1ffaa- Yoo imaama rukuu’aaf jilba qabate dhaqqabattee hidhatte. 2ffaa- Imaamni osoo rukuu’aaf jilba hin qabatin dhaqqabattee, garuu Faatihaa xumuruudhaaf yeroo gahaa yoo dhabde. Haala kana keessatti Faatihaa hanguma yeroon siif hayyamte qaraatee imaama duubaan rukuu’a godhuu qabda.   Sheikh Saalah Al Munajjid    
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned