136: Bishaan qofaan istinjaa godhuun tahaa?

Audio
Content
  Istinjaan bifa lamaan godhama. Kan duraa bishaan qofaan dhiqachuudha. Kan lammataa wanta gogaa akka dhagaa, baala, waraqaa, tishuu (sooftii) fi wantoota birootiin tolchanii ofirraa haquu fi goggoysuudha. Inni kun istijmaar jedhama. Namni istijmaar godhate bishaaniin irra deebi’ee dhiqachuun dirqamaa miti. Yoo dhiqate ammoo gaariidha malee badii hin qabu. Kanaafuu bishaan qofaan istinjaa godhuun ni taha. Dr. Liwaa’ulislaam   Bishaan qofaan Istinjaa godhuu fii wanta goggogaadhaan istijmaara qofa godhuun gahaa tahuu irratti ulamaa’iin hundi waliif galanii jiran. Haata’u malee namni istijmaara godhu yoo xiqqaate wanta istijmaara ittiin godhu saniin yeroo sadi sirritti goggoysuu qaba. Kan biraa ammoo namni bishaan qabu istijmaara godhuu irra bishaanumaan dhiqatuutu irra gaariidha.   Sheikh Saalah Al Munajjid  
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned