136: Jaartii obboleessaa dhaaluun akkamitti laallama?
Audio
Content
Gaafii: Obboleessi kiyya tokko yoo du’e jaartii isaa dhaaluu ni dandahaa? Deebisaa: Shari’aa Islaamaa keessatti Intalti namaa horiidhaa miti, hin dhaalamtu; bilisa. Dachii, maallaqa fi horiitu dhaalama. Yoo dhaale akkami jechuu irra, yoon nikaha hidhee fuudhe osoo jettee gaafii bareeda taha. Kanas yoo feete sitti heerumti; yoo hin fedhin ammoo si diduu mirga guutuu qabdi. Eeyye yoo isiin siif hayyamte fuudhuu wanti si dhoorkaa hin jiru. Keessaahuu yoo obboleessi kee ilmaan irraa qabaatee fi yoo isiin hayyamamtuu taate fuudhuun gaariidha. Dr. Liwaa'ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned