135: Sunnaan Salaata Subhii Akkamitti Salaatama?
Audio
Content
Salaanni Subhii sunnaa raka’aa lamaa qaba. Sunnaan kun osoo salaanni subhii hin gahin dura salaatamuu qaba. Namni tokko sunnaa salaata subhii masjiidatti salaatuu niyyatee yeroo inni masjiida gahu yoo waajiba salaatutti jiraatan, sunnaa dhiisee jama’aa wajji waajiba salaatuu qaba. Eega salaata waajibaa salaatee booda sunnaa jala dabarte salaatuu mirga qaba. Dr. Liwaa’ul Islaam Subhii booda Sunnaan hin jiru. Sunnaan Salaata subhii duraa garuu akkaan jabaadha. Hadiisa Aa’ishaan gabaaste keessatti, “Rasuulli (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) salaata sunnaa keessaa waan akka raka’aa lameen subhii duraa jabeessan hin argine” jette. Yeroo ganda jiraniifi, Yeroo imaltuu deemanis, guyyaa tokkollee sunnaa salaata fajrii duraa dhiisanii hin beekan. Hadiisa birootiin Rasuulli (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Sahaabticha eega Subhii salaatee booda sunnaa salaatu arganii hin dhoorkine. Ulamaa’iin hadiisa kana ragaa godhachuun, namni sunnaah subhii duraa isa dabre, eega salaata waajibaa salaatee booda sunnaa san salaatuu ni dandaha jechuu irratti waliif galanii jiru. Sheikh Saalah Al Munajjid
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned