135: Ramadaana Keessa Nama Abaaruun Soommana Ni Miidhaa?

Audio
Content
Gaafii: Jaarsi kiyya qabamee biyyatti gale. Achi booda karaa namticha tokkootiin mallaqa naaf ergi naan jedhe. anis karaa namticha saniitiin Mallaqa Sa’uudii 3000 itti erge. Achi booda namtichi mallaqa fudhatee telefoona nurraa cufate. Eegasii mallaqa biroo jaarsa kiyyaaf erge. Anis waan kanarraa dallanee namticha kanarratti du’aa’ii godhe. Yeroon sun baatii Ramadaanaa keessa ture. Wanti kun soommana narraa miidhaa?     Deebisaa: Du’aa’iin Zaalima irratti godhan soomana hin miitu. Wanti soomana namarraa balleessu sa’aa soomanaan jirtutti nyaachuu ykn dhuguu, jaarsaan walitti dabalamuu, koobbachuufii waan akkanaati malee, zaalimatti du’aa’ii gochuun soommana hin balleessitu.   Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned