135: Namni waan irratti salaatan namaaf bite maal argata?

Audio
Content
Namaatu sijaada naaf bitee jennaan; ummanni ammoo ajriin salaata teetii cufti nama sidaajaa siif biteef deemti naan jedhani, kuni akkami?     Jalqaba nama waa hin beekne hin gaafatinaa. Rabbiin akki jedhu “Fas’aluu ahla zikri in kuntum laata’ilamuun” wanta hin beekne warra waa beeku gaafadha jedha malee; wallaalaa gaafadhaa hin jedhu. Rabbiin waa hundarratti dureeysa. Wanti bakka kanatti Ajrii tee nama biraatiif si jalaa kannuuf hin jiraatu. isaaf ajruma waan inni siif godhee (huccuus tahu sijaadaa) sanumaatu isaafis deemaaf malee, Ajriin salaata keetii guutti teetuma. Yoo dhiistes suma qofatu itti gaafatama.   Dr. Liwaa'ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned