133: Salaata keessa dhimma duniyaa yaaduun salaata ni balleessaa?

Audio
Content
Gaafii: Yoo namni tokko si dallansiisee dallansuu saniin salaatatti seente, wanti sun salaata keessa si dura deddeemuun salaata kee ni miidhaa?     Deebisaa: Namni tokkolleen waswaasa irraa hin duroomu. Milkii salaata keessaa argachuuf furtuun guddichi Khushuu’a. hamma dandeeysetti salaata kee Khushuu’aan (XIyyeeffannaan) salaatuuf yaalii godhi.   Yeroo salaatatti seenuuf deemtu, akka namni kophee ofirraa baasee lafa kaayutti, yaada khushuu’a si jalaa balleeysu qalbii tee keeysaa baasi. hamma dandeeysutti xiyyeeffannaan salaatuu yaali. Garuu waswaasni toohannaa keetii ol tahee sitti dhufu, salaata kee sirraa hin miidhu.   Dr. Liwaa’ulislaam   Tooftaalee Salaata xiyyeeffannaan (Khushuu’aan) salaatuuf nama gargaaran liinkii kanarraa dubbisi https://nuuralhudaa.com/fnh/582/
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned