133: Baasii tikeetaa kafiila irraa fudhachuun akkami?
Audio
Content
Gaafii: Bakka dalagurraa ka'ee biyya dhaqee deebi'e. gaafa deebi'u ammoo waanin tikeetarratti baase naaf kenni jedhee kafiila kiyya gaafadhe. wanti kun haraami moo halaali? Deebisaa: Kaafila bira hogguu hojjatan waan hunda irratti walii galteetu jira. Baasii Tikeetaa ilaalchisee, yoo walii galteen keessan deemsaa fi deebisaas kafiilatu sirraa kafala kan jedhu tahe. Haqa kee waan taheef gaafattee fudhachuu mirga guutuu qabda. Wanti sirratti haraamii yoo jiraate, mallaqa kafaltee olitti itti dabaltee hangana baasee naaf kafali jechuun haraama. Hanga baaste fudhachuun rakkoo hin qabu. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned