132: Sifuudha jedhee maallaqa irraa nyaadhee dhiise, maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?

Audio
Content
Gaafii: Dubartii biyya Awrooppaa jirtu takka wajji walfuudhuuf bilbilaan waliin haasayaa turre. Jidduma kanatti maallaqa naaf ergitee turte. Boodarra haala isii yoo qoradhu waan naaf hin taane argee fuudhuu hin barbaanne ni dhiise. Maallaqa deebisuufiin narratti dirqamaa?     Deebisaa: Horii isii deebisuun sirratti dirqama. Sababni isaa maallaqa kana sifuudha jettee waan waadaa galteef malee firummaadhaaf siif hin ergine. Rabbiin (Subhaanahu wata’aalaa) akkana jedha Horii keessan kijibaan jidduu keessanitti hin nyaatinaAl-Baqara -188   intalti wanti horii siif kenniteef akka fuutuuf ture; ati immoo fuudha ni dhiifte. Kanaaf, horii isii kan sifuudha jettee waadaa galteefii irraa nyaatte galchuun sirratti dirqama taha.   Sheikh Abdurrahmaan Shariif
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned