131: Intala biyyaa bahuu barbaaddu maallaqaan gargaaruun akkami?
Audio
Content
Gaafii: Obboleettiin tiyya takka biyyaa bahaa maallaqa naaf ergi jettii, akkam godha? Deebisaa: Yaa Gabroottan Rabbii! Dubartiin yoo jaarsaa fi obboleessi wajji jiraate malee kophaa karaa deemuun haraama. Kanaaf ilma habooti, ilma abbeeraatii jedhanii waliin erguunis hin tahu. Kanaaf obboleettii teessanis tahee dhalaa kamuu biyya irraa hin baasinaa. Rabbiin Karaa badii irratti wal hin gargaarinaa jedha. Wanta nyaattuu fi wanta dhuyduuf akka itti fayyadamtu maallaqa ergiif. Yoo isiin karaa deemuudhaaf itti fayyadamte badiin tanuma isii taati. Dr. Liwaa'ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned