129: Abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura salaata subhii galgalaan salaatuu dandahaa?

Audio
Content
Gaafii: Biyya teenya haalaan qabbanaawa. Ana ammoo na dhukkuba. Sababa kanaaf jecha abbaa manaa kiyya wajji osoo hin rafin dura, salaata fajrii ishaahii irratti witrii godhee salaatee rafuu danda’aa? Deebisaa: Salaanni hundi yeroo ofii qabdi. Waan abbaan fedhe sa’aa fedhetti salaatuu miti. Rabbiin Qur’aana keessatti, Mu’mintoota hundarratti salaata waqtii isiitti akka salaatan fardii godhee jira. Salaata yeroo isaatiin dura salaatuufi eega yeroon dabree booda salaatuunis dhoorkaadha. Akka waan hin salaatiniitti lakkaawama. Kanaafuu waqtima salaataa eeggattee salaatuu qabdi jennaan. Sodaa qorraatiifi dhukkubni adda addaa yoo itti jiraatee bishaan dhiqachuun itti ulfaate, taymuuma gootee salaatuu dandeessi. Yookaan ammoo bishaan oowwifattee dhiqachuu dandeessi. Qabbanti mala hin dhabu. Kanaafuu qabbana sodaaf jecha salaata Subhii wanti ishaahitti as fidanii salaataniif hin jiru jechuudha. Sheikh Muhammad Haamiddiin
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned