128: 564. Mahrii malee nikaaha hidhuun akkami?
Audio
Content
Gaafii: Wayta nikeenni hidhamu kana osoo mahrii hin dubbatin yoo nikaaha hidhan rakkoon inni qabu jiraa? Deebisaa: Akka hedduun ulamaa jedhanitti mahriin maqaa dhahamuun sharxii nikaahaatii miti. Mahriin jiraatuun barbaachisaadha. Garuu ulaagaa nikaahaatii miti. Osoo mahrii hin dubbatin yoo nikaaha godhan nikeenni ni hidhama. Achi booda gaafa isiin mahrii isii barbaaddetti, ykn gaafa wal dhabbiin argamtetti, ykn gaafa jara lameenirraa tokko du’etti mahriin isii kafalamuu qaba. Mahriin kennamu ammoo mahrii dubartii birootiif kennamu tahu qaba. (Waan naannoo jarri jiraatan sanitti dubartii heerumtuuf akka mahriitti kennamutu kennama. Osoo hin xiqqeessine, osoo hin guddisne) Sheikh Abdussalaam Xaahir Ibsa Dabalataa: (Gaafa addaan bahiinisi dhufte akka wal dhabbiin hin argamneef, guyyama nikaah hidhan san mahrii intalaa kennuun ykn maqaa dhahuun barbaachisaadha. Kun waan shari’aan karaa godhe).
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned