128: 561. Khuxbaa Jum’aa irratti harka ol kaasanii ‘Aamiin’ jechuun akkami?

Audio
Content
Deebisaa: Gaafiin tun yeroo heddu kaati. Ulamaa’iinis deebisaa irratti kennanii jiru. Namni lameenuu badii takka hin qabu. Kan harka ol kaasee aamiin jedhes badii hin qabu. Kan usee taa’es badii hin qabu. Isa harka ol kaasee Aamiin jedheen dhiisi hin jennu. Kan dhiisee usee taa’eenis halka ol kaasii aamiin jedhi hin jennu. Abbaan fedhe waan itti tole haa dalagu. Kun waan irratti wal dhabanii miti.   Gaafii: Khuxbaa keessatti haasayuun dhoorkaadha jechuun ni jirti, duuba kun dubbii tanaan walitti hin bu’uu?   Deebii: Yeroon sun yeroo khuxbaa osoo hin taane yeroo du’aa’iiti. Imaamni eega khuxbaa xumuree booda du’aa’itti seena. Kanaafuu waan wal nama dhabsiisuu miti. Sheikh Abdussalaam Xaahir [mkb-related title="Kanas dubbisi" mode="manual" limit="5" ids="14836,15259,11026"]    
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned