127: 558. Nikaaha Bilbilaan hidhuun hayyamamaa?

Audio
Content
Nikaaha bilbilaan hidhuun ni taha. Garuu ulaagaan nikaahaa guuttamuu qaba. Fakkeenyaaf waan akka Mahrii, Waliyyii intalaa, namoota ragaa tahaniifi wantoota ulaagaa nikaahaa tahan hunda guutuun dirqama. Gama birootiin wal daguufi wal sobuu irraa fagaachuun barbaachisaadha. Yeroo garii suuraa nama biroo intalaafi maatitti mul’isanii intala ammoo nama birootiif nikaaha godhaa wal daguun ni jirti. Kun ammoo shari’aa Islaamaa keessatti dhoorkaadha. Sheikh Abdussalaam Xaahir Deebisaa  dabalataa Gaafii 237 laali.     [embed]https://youtu.be/2-7m7i6c8_M[/embed]
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned