127: Dubartiin heydii yookaan dhiigni ji’aa itti jiru guyyaa somanaa nyaata dhiisuu ni qabdii?

Audio
Content
Dubartiin heeydii yookaan dhiigni ji’aa irra jiru, akkasumas tan dhiigni dahumsaa irra jiru sooma hin qabdu. Nyaachuun isiif hayyamamee jira. Kanaafuu waan Rabbiin isiif hayyame saalfii tokko malee hojii irra oolchuu qabdi. Wanta Rabbiin namaa laaffise itti hojjatutu jaalatama. Haata’u malee namni osoo hin beekin nama ajaja Rabbii laaffisuu isii sehee akka zannii itti hin badne, dhoksitee nyaatuun gaariidha. Dubartiin tun qalbiin isii soomana osoo jaalattu heeydiin itti dhufnaan soomu dhabdus, niyyaa gaarii qabaachuu isiitiin Rabbiin biraa Rahmataa fi barakaa ji’a kana keessa jiru guutuma argatti. Wanti isii irraa eegamu yeroo biroo soomana hanga isii dabree qadaa deebisuu qofa. Debisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu. Dr. Jeeylaan H/Khadiir
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned