126: Namni soomni irratti wajjabu sooma osoo hin xumuratin yoo du’e maaltu godhamaaf?
Audio
Content
Namni sababa dhukkubaatiin yookaan sababa umriitiin osoo soomana hin xumuratin du’e warri isaa irraa soomuudhaan qadaa irraa kafaluu qaban. Fakkeenyaaf, nama ilmaan 30 qaabu yoo tahe ilmaan isaa hundi guyyaa tokko soomuun irraa baasuu ni danda’u. Ulamaa’iin muraasni kan irraa soomamu nama soomni nazriidhaa (silatii) isarratti hafe malee, kan soomni ramadaanaa irra jiru garuu irraa nyaachisu qaba jedhan. Haata’u malee ulamaa’iin harki caalu maatiin isaa irraa soomuu qaban jechuu irratti walii galan. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu. Dr. Jeeylaan H/Khadiir
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned