126: Dubartiin dhiigni ji’aa akkuma irraa dhaabbateen osoo hin xahaarfatin soomana niyyatuu ni dandeettii?
Audio
Content
Dubartiin heeydii irra turte takka fajrii dura dhiigni irraa dhaabbatuu yoo mirkaneeffatte, soomana niyyatuu ni dandeetti. Soomana niyyatuuf Dhiigni dhaabatutu sharxiidha malee qaama dhiqachuun yookaan xahaarfachuun sharxii miti. Fajrii dura soomana niyyattee eega qabattee booda ammoo qaama isii dhiqattee salaatuu ni dandeetti. Dabalataanis dubartiin heeydii irra turte somana achi dura isii dabre yeroo biraa qadaa baasuu qabdi. Salaata garuu qadaa hin baastu. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu. Dr. Jeeylaan H/Khadiir
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned