126: Sadarkaan Hajjiin Islaamummaa keessatti qabdu maali?
Audio
Content
Islaamummaan arkaana yookaan utubaa shan irratti dhaabbatti. Hajjiin arkaana islaamaa keessaa takka. Kan jalqabaa fi inni guddaan Rabbii tokkocha malee haqaan gabbaramaan hin jiru; Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa bahuudha. Kan lammataa salaata shanan salaatuu yoo tahu, sadaffaan baatii Ramadaanaa soomuudha. Afraffaan ammoo Zakaa kennuudha. Shanaffaan mana Rabbii dhaquu yookaan hajjii godhuudha. Salaataa fi Soomanni nama hunda irratti dirqama. Zakaan ammoo nama duniyaa qabu hunda irratti dirqama taate. Rabbiin Hajjii nama dandeettii qabu qofa irratti dirqama godhe. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeyfadhu. Dr. Jeeylaan H/Khadiir
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned