122: Salaata keessa miila wolirra kaayanii irra taa’uun akkam?
Audio
Content
Gaaffii: Nama tokkotu nuun salaata ijoollee dardaraati , yeroo salaatu miila isaa lamaan kana duubatti akka masqalaa wolirra kaayee irra taa'a ,akki kun ni tahaa? Deebisaa: dura nuti salaata keessa arkaanaa fi waajibaata adda haa barannuu! waajibaata jechuun waan yoo beekaa dhiisan salaata balleeysu , yoo irraanfiin nama irraa arkamte waan sujuudussahwiin bakka namaa guutu , arkaana jechuun utubaa salaata kheeysaa waa kudha afur tan yoonifin beekaa dhiiftuu , irraanfiin dhiiftuu, wollaalaan dhiiftuu salaatni badu hanga waan san deebitee fuutuu. tanaaf jecha wonni obboleessi kee dalage kuni sunnaa khallafe malee miila wol irra kaayyachuun salaata hin balleessu , wonni sirra jiru barnoota yoo isarra qabaatte ida'iif barnoota , qaceeltumatti haajama qofa Dr. Liwaa’ul Isalam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned