121: Horiin ilmaan yatiimaatii badhaasa kenname hukmiin isaa maali?

Audio
Content
Gaaffii: Namni tokko du’ee ilmaan yatiimaatii badhaasni kenname nama biraa irraa, ilmaan yatiimaa sun cuftinuu osoo hin fudhatini horiin sun horee intalti fi ilmi ilmaan sani keessaa guddatanii intalti horii saniin heerumuu feetii ilmis horii saniin fuudhuu fedhaa osoo hin qodamin akkamii?           Deebisaa: Horiin sun akkuma horii isaan abbaa isaanii irraa dhaalaniiti. Namni tokko ittiin fuudhuu hin danda’u haga qoodni dhaalaa nama kamuu dhaqabutti. Hundi isaaniituu qooda isaanii argachutu isaan irra jira.   Sheik Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned