120: Osoo umraa hin godhin hajjii godhuun akkami?
Audio
Content
Gaaffii: Umraa yoo hin godhin hajjiin hin ta’u jedhanii akkamii? Deebisaa: Hajjiin ni ta’a. umraa takkaahuu osoo hin godhin hajjii qofa ufirraa godhuu ni dandeessa. garuu hajjiinillee umraanillee waajiba ta’uu beekuu qabna. Ka dandeesse dura godhi. Yoo ammoo Rabbi siif laafise caalaan ji’uma hajjii san keessa umraa kee godhadhuu, umraa daqiiquma soddoma afurtama keessatti fixattaa, hajjii tantee ji’a Zulhijjaa ka guyyaan saddeeti hin gahin umraa kee fixattee hajjii kankee eeggachuu dandeessa waliin godhuun ni ta’a. garuu osoo umraa hin godhin namni hajji godhe rakkoo hin qabu hajjiin isaa maqbuula. Sheik Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned