118: kophee baafatanii olgaragalchanii dhiisuun akkam?

Audio
Content
Gaaffii: Namni  tokko tokko hoggaa mana seenu takkaa hoggaa mana irraa bahu kophee isaa yoo olgaragalchee dhiise haram jedhanii akkam?         Deebisaa: Haram jechuun waanuma shariyaan haram jette, halaal jechuun waanuma shariyaan halaal goote. Wanni namni afaaniin jedhu aadaadha, aadaa jaahilaa shariyaa fakkeessanii waa hin gaafatani. Waa hoodachuun islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kopheen feetu haa ol deebituu feetu haa gad deebitu wanni isiin namarratti rakkinna fiddu waa takkallee hin jiru. Dr. Liwaa’ul Islam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned