118: Guyyaa Jum'aa Kabajaa Isaatiif Soommanuun Akkamitti Laallama?
Audio
Content
Gaafii: Yoo guyyaa juma’aadhaa kabajaa isaatiif soommane dhoorkaan jirtii? Deebisaa: Ee ka dhoorke Nabii keenya ? akki jedhe Nabiin keenya; "Soommana guyyaa Jum’aa soommanuu irraa fagaadhaa, guyyaa jum’aadhaa kabajaa isaatiif soommanuu irraa fagaadhaa". Guyyaa jum’aa soommanaan kophaa baasuun dhoorkaadha. Yoo guyyaa duraa soommantee takkaahuu sabtiin walitti yoo soommante malee. Guyyaa juma’aa waanuma shari'aan kabajaa jetteen kabajna malee akka fedhinnaa keenyaatti kabajuun hin taatu. Fakkeenyaaf guyyaa juma’aadhaa qaama dhiqachuun, huccuu bareedduu uffachuun, Suuratul Kahf qara’uun, nagahaaf Rahammata Nabii keenya irratti guddisuun, akkasuma keeyrii adda addaa dalaguun waan kabajaan guyyaa juma’aa qabu. Ammoo sanirraa ala bahanii karaa biraatiin guyyaa juma’aa kabajuun dhoorkaadha. garuu guyyaa juma’aa kana keessa yoo qadaan sirra jiraate takkaahuu nazriin takkaahuu kaffaaraan, wanni guyyaa jum’aa kana wanni si soommansiisaa yoo jiraate, guyya kana malee hin qabu jettee saniif yoo taate humaa hin qabu. Guyyama Juma’aa kabajuuf kophaa isaa soommanuun dhoorkaadha. Dr. Liwaa’ul Islam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned