116: Guyyaa qabbanti jabduun jirtu dhiqachuu danda’amaa namni aahlii isaatiin wajji rafe?

Audio
Content
Gaaffii: Guyyaa qabbanti jajjabduun jirtu akkamitti dhiqachuu danda’amaa namni aahlii isaatiin wajji rafe?           Deebisaa: Rabbiin waa hunda nuuf kennee jira. Yoo qabbanni jiraate bishaan oowwifachuu danda’a danda’a namni. Qabannillee kama akkanatti sodaatanii mitii kama dhugaan nama dhibdu san ta’uu beekuu qaba. Dhugumaahuu qabanti tun si miiti moo,   sodama birdilibsii jalaa bahuu dadhabbanii , Rabbi gargar beeka ”laa yakhfa’a aleeyhi khaafi’a”  wanni feete isarraa hin dhokattu. Dhiqateetuma salaata inshaallah. Yoo kaa ammoo bishaan nama oowwifatuu hin dandeenne taate , yoo dhukkubni dhugumaan asmii ka dhukkubasatee tuma miidhamu taate ka    Rabbiif qalbiin sun dhugaa san ufitti beektu taate taymuuma haa godhatu maaliif jennaan dhuguma dhugaa dhugittii uf miidhuun barbaachisaa miti. Namuma dhugaan ibaadaaf jecha lubbuu ufii ajjeesu fa’atu jiraaf shariyaan fursaa tanaaf baldhinna tanallee jala kaaye. Ammo nama osoo dhiqachuu danda’uu qorra sodaaf beekaatuma mataa birdilibsii jala mammaru Rabbillee numa arga.   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned