116: Firoota muudaaf shirkii keessa jiran akkam goona?

Audio
Content
Gaaffii: Abbootiin keenya muudaaf shirkii adda addaa ka keessa jiraatan yoo taate maal godhuu qabnaa?         Deebisaa: Abbaa kankeetiif haadha tantee gorsi. Aanaa kankee hunda gorsi. shirkirraa dhaabbadhaa Rabbi sodaadhaa jedhiin. Yoo abbaaf haadha kankee akkasitti gorsitee ijibbaatte ulamaa itti kaaftee warra biyyaa itti kaaftee barsiisutu sirra jira. Nama biro ammoo ka abbaaf haadha hin ta’in yoo isaan shariyaa Rabbiitiif diinii Rabbii irraa goranii waan addaa oofan irraa dhaabbachuu qabda Rabbiif jecha isaan muruu dandeessa. Abbaaf haadha kankee ammoo haga ijibbaata boodaatti akkuma Nabi Ibraahiim san ganama galgala bira dhaabbadhuutii gorsaaf da’aawaan bira dhaabbadhu.   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned