115: Gaazexaa maqaa Rabbii qabu gatuun akkami?
Audio
Content
Gaaffii: Gaazexaa garii maqaa Rabbiittu keessatti katabamee jiraa gazeexaa maqaan Rabbii keessatti katabamee jiru gati naan jedhanii warri Arabaa natti kennan. Ka maqaan Rabbii keessa jiru anillee ni beekaa yoo anillee hin gatne warrillee na hin dhiisuu anaa gate irra diliin jirti moo warra gate jedhe irra diliin jirti? Deebisaa: Maqaan Rabbii waan keessa jiru bakka wasakaatti hin gatin. Abbaan fedhe gati siin jedhullee hin gatin, ati fuudhii bakka sadarkaa ulfina qabdu kaayii eega maqaan Rabbii keessa jiraatuu beeyte. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned