115: Osoo jaartii halaalaa qabuu zinaa namni dalagu nikahni isaa akkam?

Audio
Content
Gaaffii: Nama tokko ka intala fuudhetu jiraa  ka ufii zinaa dalaguudhaan beekame, kanaafuu intala inni fuudhe san nikahan isaanii akkam taha?           Deebisaa: Yoo intala halaalaan fuudhee jiraate nikahan isaanii wamaa hin ta’u. Seera isii afran guuttatee yoo nikaha maahrii kennee abbaa haadharraa kadhatee fuudhee wakiiluma isii irraa jechuu abbaa fedhellee haa ta’uu nama wakiila isii ta’uu danda’u irraa, akkasuma isaan lamaa waldhageettiin jiraatee shaahidni irratti dhaabbate kuni seera ufii guuttatee jiraa halaala. Gara birootti dhaqee haraama dalaguun isaa baaba biraati sunis waan nikaha kana haraama godhu hin qabu. Garuu badii guddoo keessa jira Rabbi sodaatee irraa haa dhaabbatuu. Garuu nikahan halaalaa ka seera ufii guuttate sababa inni gara biro deemuuf nikahan tun irraa hin baddu. Seerri Rabbii guddaa kun adlii qaba. Namni zinaa godhu maali nikaha wayiitu qabaree jechaan hin taatu. Fedhii abbaa fedheetiin hin murteeffamtu dubbiin. Shariyaa Rabbiis numa addeessitaa haqiiqaa jirtullee numa ibsita.   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned