114: Maniyyii fi maziyyiin maal adda jira?

Audio
Content
Gaaffii: Hukmiin bishaan maniyyiitiif maziyyi wanni jedhamu maal adda jiraa?             Deebisaa: Bishaan maniyyii qoodni isaa sadi sifa sadiin beekama. Bishaan Rabbi ilmee irraa uuma kana baana. Bishaan furdaadhaa, bishaan namatti dhagahamee bahuu, bishaan hedduudha. Bishaan akka maziyyii san xiqqoo miti. Maziyyiif maniyyii wanni inni gargar jiruun; bishaan maniyyii najaasummaa hin qabu. Garuu dhiqachuun dirqama. Yoo bishaan maniyyii kun ka inni sifa sadeen kanaan bahe huccuu ittiin bulte fa’a irraanfattee ittiin salaatte eeguma dhiqattee kaate najaasummaa isaatiif hin rakkatin. Inni najaasa mitii qulqullu maaliif jennaan uumaan ilma namaa najaasaa ta’uu hin danda’u. Ammoo wanni najaazummaan beekame maziyyiifii wadiyyiidha. Isiin ammoo dhiqannaa hin wajjabsiiftu najaasummama qofa ufirraa dhiqani. Akkuma fincaanii wudu’a cabsiti malee najaasummadha qabdi malee dhiqannaan akka maniyyii sani hin wajjabsiisuu.   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned