113: Sunnaawwan salaata zuhuriitiifi asrii akkam?

Audio
Content
Gaaffii: Sunnaan salaata zuhrii duraa afur jechuu dhagayee akkamitti salaatanii? Afran walitti dhaaba moo addaan mummuraa? Ka asrii hoo akkam fakkaata? Azaana dura salaatan moo azaana booda?           Deebisaa: Raka’aa lama lamaan salaatan. Walitti hin dhaabanii addaan mummuran. Lama salaattee salaamtaa baafattee lama ta biraa salaatta ammallee. Asrilleen akkasuma. Eega Azaanan booda salaatan. Maaliif jennaan azaanni yeroon salaataa gahuu nama garsiisa. Salaanni asrii yeroon isaa wayta azaanan san geettee eega azaanan boodaa azaanaaf iqaamaa jiddutti salaatta.     Sheik Abdurrahmaan Shariif
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned