110: Ajnabii wojjiin haasawni dheeraan akkam?
Audio
Content
Gaaffii: ani garee adda addaa keessa da'awaadhaaf dalaga, yeroo garii nama ajnabii wojjiin haasawaa sababaa garee kana kaddamuutiin keessa jira hukmiin kun maali? Deebisaa: nama dhiiraatiin haasawuu dhabuutu irra woyya kidmaan da'awaa tama rabbi jaalatuun tahuutu gaari yeroo hedduu namni dhiiraatiifi namni intalaa ajnabiin woliin haasawan yoo nama rabbi sodaatu ta'ee gaafii diinii gaafatan taate malee namni dhiiraa intala ajnabiitiin wojji haasawuu dhiisuutu irra caalaadha. fitnaan karaa nama seenuun hin beekani . Nama hedduutu kheeyrii barbaadaaf seenee sharrii itti taatee fitnaan sheeyxaanni haalata guddaa irraan gayetu jira Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned