109: Jaarsa kiyya achi buutee dhabe; Nikaahn kiyya akkam taha?

Audio
Content
Gaafii: Jaarsi kiyya bahee achumaan hafe. Bakka inni jiru hin beeku. Eega dhabamee ji’a tokko caalee jira. Kanaafuu nikaan kiyya akkam taha? Deebisaa: Jiini tokko yeroo gabaabaadha. Ammas obsumaan eeguu qabdi. Yoo yeroo dheeraaf (Waggaa 1-2) dhabame ammoo, mana murti shari’aatti iyyachuu qabdi. Dabalataan karaa miidiyaalee fi gaazexaatiin barbaaduun gaariidha. Yoo haala saniin barbaadamee dhabame qaadiidhaan nikaaha narraa buusi jechuunii mirga qabdi.   Sheikh Muhammad Haamiddiin  
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned