107: Wolitti makiinsi dhiiraa fi dhalaa hawaasa keenyaa kun akkam?

Audio
Content
Gaaffii: ilmi namaa tokko aadaa fi islaamummaa wolitti laaqanii dhiiraafi dhalaan wojji nyaachuun,  wojji lulluuqachuu, wojji wolitti ciqilfachuun, wol kheeysa taa’uun aadaa teenya jechuudhaan  wonni akkanaa nama jedduuti faca’ee jiraa hukmii shari’aatti maali?         Deebisaa : heeraa fi seerri shari’aadhaa heera rabbiin samii torban gubbaadhaa wahyiin ergee ambiyootatti  erge  rusultootaan  waan kana bakka geeysaa jedheen.   waan heera ameerikaa fi oroppaa, aasiyaa, asturaaliyaa , afriiqiyyaa wolitti dhuftee tumtee miti. tanaaf jecha namni islaamummaa himatu tokko heerri inni itti deemu eega islaamummaa himatee heeruma islaamaati. Tana waan ta’eef jecha dhalaa mana tokko kheeysa woliin taa’uun dhiiraa fi dhalaan wojji nyaachuun wojji dhuguun akka haasawaattis  oduu laalla televisiyoona fa’a jedhanii yookii kubbaa laalla jedhanii wolumatti  dhiiraa fi dhalaan wolitti  laaqamanii taa’uun hukmii shari’aa irraa ala. Waan akkanaa irraa fagaachuu qaban.     Dr. Lliwaa’ul Islam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned