106: Walitti dhufeenyi dhiiraa fi haadha niitii isaa hanga yoomiiti?

Audio
Content
Gaafii: Namni tokko yoo intala takka fuudhe haati intala saniillee haadhuma isaati jedhamtii gaafa inni intala isii tana hiike hoo soddaatiin isaa sun maal taatii?         Deebisaa: Intala hiikee intalti jiraattee haati isaa haadhuma isaati. Maaliif jennaan inni deebi’ee soddaatii ufii san fuudhuun isaa haraama. Intala isii hiikee haadha isii fuudhuun isaa haraama. Kanaafuu haati niitii isaa haadhuma isaati. Niitiin isaa jiraattuu jiraachuu baattuu, walibiraa deemanuu walbiraa deemuu baatanuu yoo nama Rabbi sodaatu ta’e haadha isaa hadhummatti beekee jaalalaafii kabajaa dur walii qaban san godhuufii qabaa haadhuma isaatii jechuudha.       Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned