106: Namni haadha warraa hiikee, osoo iddaa hin dhumatin deeffachuu danda’aa?

Audio
Content
Gaafii: Namtichi tokko yoo jaartii ufii xallaqe haga iddaan hin dhumatin dura hayyama isii malee si deeffadhe jechuu danda’aa?     Deebisaa: Ee jechuu danda’a. Hayyama isiitiittillee hin haajamu. Shaahidattillee hin haajamu. Raja’atu jennaan ni ta’a jechuudha. Si deebise jennaanis ni ta’a. Hattaa yoo afaaniin hin jedhin yoo jaartii isaa argee waliin rafelleen sunuu si deebisetti niyyatee ni ta’a. Haga iddaan hin dhumannetti yoo dhaqqabee jiraate akkas ta’uu qaba. San seera keessa hubachuun barbaachisa. Tokko hiikamnaan lamatu hafeefii, lama hiikamnaan takka hafeefii, ka namni keenya xalaaqaan taa’ee tattaphatu sunillee hubatamee beekamu qaba.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned