105: Dhiqannaan dhiiga aadaa akkami?
Audio
Content
Gaafii: Akkami dhiqannaan aadaa irraa dhiqatanii? Deebisaa: Namni silaa xuriidhaaf dhiqatu haga qaamni isaa bahu dhiqata. Garuu namni janaabaa irraa dhiqatu, intalti aadaa irraa dhiqattu, rifeensa mataa isaaniitiif qaama isaan osoo hin dhiqanne dura ni wudu’atan. Wudu’a eega godhatanii booda eegasii bismillaah jedhanii waan irraa dhiqachuu deeman san, ta aadaa taate moo ta janaabaa, niyyatanii bishaan mataa irratti sadi naqatan. Eega mataa rifeensa quubsanii ka’an booda gara mirgaa irraa jalqaban. Eegasii qaama hunda waliin gahatan. Yoo wudu’nii isaanii ka duraa, lafti bakka najisaa fa’a taate, miila booda hambifatanii dhiqatan. Yookaan walumaan guututti dhiqatanii jechuudha. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned