105: Salaata keessa qubaan waa namatti himuun taatii?
Audio
Content
Gaafii: Yoo salaata keessa namni natti dubbate yoo waa narraa fedhanii qubaan waa garsiise maal qabaa? Yoo salaata sunnaa taate ishaaraa godhuun humaa hin qabuu jedhan. Salaata sunnaa keessa Rasuulli ? nama hulaa dhadhahellee jalaa banee deebi’ee salaata. Salaatni waajibaa ammoo hin taatu. Wanni kushu’a nama dhoorkaa hundi salaata waajibaa ni miidha. Dirqama Rabbii guddaa kabajuun dirqama jechu. Yoo sunnaa keessa taate waan dirqama sitti taate tokko ishaaraa godhuun homaa hin qabuu jedhan. Aliyyi Ibnu xaalibi (Rabbi isarraa haa jaalatuu) wanni jedhe ‘Rasuula ? isaa salaatuu guyyatti yeroo lama ‘ol seenaa jedhe yoo ani salaamata gaafadhe, isaanii salaata irra jiranii harka ol fuudhanii ol seeni jechuu milikkata naa himanii’ jedhe. Kanaafuu salaata sunnaa keessatti humaa hin qabu. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned