103: Rukuu’arraa yeroo ka’an harka eessa kaayan
Audio
Content
Gaafii: Namni tokko yoo rukua’rraa ol jedhu jiru hin beeyne maqaa isaatiin sadaqadhu. Yoo harka isaa eeysa kaahuu qaba? Deebisaa: Gaafii kana kilaafatu keessa jira. Sheeka keenya gurguddaa lamaan ibnu Baazii fii sheikh Albaanii isaan lamaan jidduu kilaafatu jira. Namni yoo ruku’a irraa oldeebi’u harka bakkuma duraan turtetti haa deebisan, riwaayaa jettutu jira. Riwaayaan sunillee sahiiha. Warri gariin ammoo sami’Allaahu liman hamidaah jedhanii wayta dhaabbatan, lafeen jajallatte hunduu bakka ufiitti akka deebi’u jedhan. Lafeen harkaa lamaan gad dhiisanii diriirsuudhaan namaa baldhifamtii ka jedhantu jira. Kanaafuu ka Rabbi siif laaffise godhadhu.
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned