103: Harama keessatti salaatuun sadarkaa akkamii qaba?
Audio
Content
Gaafii: Harama keessatti salaatuufii masjidula Haramitti salaatuun hagam takka gargar jirtii? Deebisaa: Irra guddaan ulamaa kuma dhibba namaa argamsiisa jedha. Garuu masjuudul haram, kaabaa, biratti salaatuun wanni inni caaluun ajrii jama’aan guddachuutiin. Kanaaf namni Rabbiin harama keessa isaan kaaye, salaanni haramaa isaan dabruun gaarii miti. Dunyaan feete haa dabartuu. Maaliif jennaan salaanni guyyaa takkattii isin salaattan, salaata namni umrii waggaa 70 waggaa 80 salaate, salaattan jechu. Namni tokko yoo waggaa shantama salaate, salaata namni tokko zuhrii Makkatti salaate ta’a. Kanaafuu nama salaata kuma dhibba shani guyyatti salaatuufi namni waaggaa 70 salaate, ta isaa kuma dhibba shanuu hin geessu. Kanaaf harama irraa faaydeeffatuun barbaachisaadha. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned