102: Dalagaa yoo gamtaan dalagan faaydaa irraa argatan akkam godhan

Audio
Content
Gaafii: Yoo warri tokko walii galanii faaydaa adda fudhanna jedhanii dalagaa banatan ka faaydaa san namni hundi walbira hin argatin malli isaa maalii?       Namni amaanaadhaan dalagaa walitti kennatee faaydaa guuranna jedhe, faaydaa isaa wal dhagayanii, sharxii walii galan san irratti jiraachuun dirqama isaaniiti. Namni tokko yoo sharxii irratti walii gale keessaa bahe, Rabbii guddaa biratti itti gaafatama. namni sharxii guutuu hin dandeenye duruma sharxii walii galuu dhiisuudha. Yoo itti walii galan ammoo waan itti walii galan san godhuun barbaachisaadha.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned