101: Mallaqni gaafa ijoollummaa lafaa arganii dhoysanii nyaatan akkamitti ilaallama?
Audio
Content
Gaafii: Mallaqa wayii lafaa argadhee birri 35 ka gahu gaafa san umriin kiyya kudhanii warra keenyarraa dhossee ijoollee saahibban wajjiin nyaadhee. Deebisaa: Abbaa mallaqaa san yoo ka beeytu taate ni galchitaaf. Yoo ammoo abbaa mallaqa sanii hin beeyne taate, haga mallaqa sanii ammatti sadaqaa isaa gootaaf. Kana hundaa ka hin beeyne yoo taate humaa sirra hin jiran. Garuu fuulduraaf yoo nama mallaqa san gaafatu argite, yoo namni mallaqni sun kiyya jedhu argamu taate, horii san ni baafataaf. Gaaf sani inumaayyuu diliin sirratti hin barreeffamnee ati ijoollee xiqqashoodhaa wanni sirratti jiru hin jiru. Sheikh Abdurahman Shariif
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned