100: Dhiirri Masjiida dhiisee, salaata manatti salaatuu danda’aa?
Audio
Content
Gaafii: Saahiba qabaa saahibni kiyya sun manatti salaataa salaata jama’aa hin dhaquu sababaan inni hin dhaqneefillee ani musaafiraa yaada jedhu natti fakkaatee Deebisaa: Salaata masjiidatti salaatuun ummata islaamaa irratti waajiba keessaahuu dhiira irratti. Kanaafuu yoo inni uzrii wayii hin qabne, salaata manatti salaatuun diliidha. Yoo fakkeenyaaf inni ka waraqaa eenyummaa fa’a hin qabne taate, saniif jecha poolisa sodaachuu fa’aaf jecha ka manatti salaatu taate ni danda’ama. Yoo ka musaafira jedhu taatee namni tokko eega zamana hedduu bakka san qubatee, eega ka taa’u taate, hukmii nama iqaamaa nama biyya san qubatee fudhata. Kanaafuu salaata jama’aatiif salaata jum’aa salaatuun irratti dirqama. Hattaa namni musaafiraa, dhaqee masjidatti salaatutu isaaf wayya. Isarratti dirqamaa miti. Daliillillee guyyaa tokko Rasuulli ? nama masjiidarraa hafe, nama tokko imaama godhee, deemee qoraan cabsee mana isaanii isaanitti gubuu jaaladhee jedhan. Namticha ija hin qabne kaanillee ergamaa Rabbiitti ? dhufee Yaa Rasuula Rabbii nama naan deemu hin qabuu nama masjiida na geessu hin qabuu akkam ta’aa jedhee gaafatee jennaaniin Rasuulli Rabbi ? siif hayyamee deemii salaati jedheen. Namtichi biraa deebi’ee jennaan Azaana ni dhageettaahii jedheen ee jennaaniin masjiidatti salaati jedheen. Eeguma nama ija hin qabneef uzrii dhaban namni fayyaa qabu san daranii. Sheikh Abdurahman Shariif
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned