990: Umraa godheetiin guyyaa saddeetaffaa ka Zulhijjaa osoo mataa hin haaddatin Hajjitti dabree akkami?

Audio
Content
Gaaffii: Umraa godheetiin guyyaa saddeetaffaa ka Zulhijjaa osoo mataa hin haaddatin Hajjitti dabree akkami?     Deebisaa: Yoo Hajjiin tanteetiif Umraan tantee qiraana taate sun rakkoo hin qabu. Ammallee guyyaa saddeetii eega isiin taatee mataan haaddatan silaafuu guyyaa 10 sanitti hin biqiluu guyyaa lama qofa keessatti, silaa rifeensa murachutu caalaa sirra ture. Ammoo akka ati Hajjii itti niyyatte hin beeyne gaafi akkatti siif deebisnu hin qabnu. Maaliif jennaa Hajjiin haala sadiin hidhatama. Hajjii ifraadaa hidhatte moo Hajjii qofa jechu, Hajjii qofaa hidhatte akka hin taane kunoo atuu Umraa keessa jira jette. Umraaan kun umraa tamattu’aati moo umraa qiraanaatii sirraa beekuu feena.     Sheik Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned