989: Nama du'e eega awwaalamee booda qabrii isaa irratti ni salaatamaa?

Audio
Content
Gaaffii: Ziyaaraan qabrii abbaa ziyaaran akkamii? Qabrii abbaa zihaaruun ni taati akkasuma irratti salaatuun ni taatii?  As wr wb jettee itti qaraatee du’aahii gooteefii biraa galtaa salaanni itt salaatan kun ammoo salaata akkamii?     Deebisaa: Salaata jechuun salaatul janaazuma. Yoo ati dhaqabattee salaatul janaazaa irratti hin salaatin qabrii abbaa keetii kama namni awwaalee gale torbaanittuu haata’uu, ji’attuu haa ta’uu, ati yeroma dhufte salaatul janaazadhuma dhaabattee irratti salaatta salaata aadaa kaanii miti.     Sheik Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned